Intarneetiin yoo adda citu Itoophiyaan guyyaatti doolaara mil 4.5 dhabdi

Wayota daataan mobaayilaa hinhojjaneetti mallattoo bilbila irratti mullatu Image copyright LAKRUWAN WANNIARACHCHI

Itoophiyaan guyyoota tajaajilli intarneetii addaan cituu tokko tokkoosaatti yoo xinnaate doolaara miiliyoona afurii ol akka dhabdu dhaabbanni bilisummaa fi gahumsa intarneetii hordofu'Net blocks' BBC'tti himeera.

Daarektarri dhaabbatichaa Alifi Tookar akka jedhaniitti, Itoophiyaan guyyaa tokkoos yoo intarneetii adda kuttu,gama galiitiin guyyaatti doolaara Ameerikaa miiliyoona 4.5 dhabdi.

Kunis miidhaa kasaaraa biraa hin dabalannee yoo ta'u, kana malees qaamolee maallaqa olaanaa fidu danda'an biratti amanamummaa dhabuu uumuu danda'a jedhame.

Waggoota lamaan duras biyyattiin sababii adda cituu intarneetiitiin guyyaatti doolaara kuma 500 dhabaa turte.

Yeroo ammaa dameen dinagdee intarneetiin socho'u bal'achaa waan jiruuf kasaaraan akka ol ka'uuf akka gumaachu tilmaamama.

Sochiin dinagdee adda addaas tajaajila intarneetiitti kan fayyadaman waan ta'eef biyyoonni Afrikaa hedduun teeknolojii kanarratti hir'achaa akka adeemaa jiran daareektarri dhaabbata kanaa ni dubbatu.

Biyyoonni Afrikaa dadabarsaa maallaqaa sadarkaa dhuunfaatti taasifamu dabalatee sochiilee murtessoo ta'an hundi karaa intarneetiin kan raawwataman waan ta'eef, Itoophiyaa dabalatee biyyoonni intarneetiiadda cituu keessatti dhiibbaan dinagdee inni qabaatu olaanaa ta'u dubbatu Alifi.

Itoophiyaan waggoota lamaan dura mormii mootummaa bakkee garaa garaatti umamee tureefi hanna qormaata to'achuuf jecha guyyoota 36 tajaajjilli intarneetii adda cituusaatti doolara miiliyoona 130 ol dhabushee dhaabbanni Walta'iinsa Imaammata Ragaa teeknolojii Bahaafi Kibba Afriikaa beeksisee ture.

Biyyoota Afriikaa garaa garaa keessattis keessatti rakkinni siyaasaa yoo mudatu motummoonni dursanii tajaajila intarneetii adda kutuun rakkinicha to'achuuf yaalu.

Waggoota lamaan duraa eegalee Itoophiyaanis biyyoota intarneetii cufuun maqaan ka'u keessatti ramadamti.

Erga mormiin motummaan geeddaree booda Itoophiyaatti adda kutuun tajaajila intarneetii sadarkaa biyyaaleessaatti foyya'ee ture.

Torban kana keessa garuu erga qormaanni biyyaalessaa eegalee guyyaa tokkoo booda intarneetiin guutuu biyyaatti adda citeera.

Guyyoota lamaan darban ammoo guutummaatti bade.

Haala kana ilaalchisees dhaabbanni tajaajilicha dhiyeessu Itiyoo-Telekoom ta'ee, qaamni motummaa dhimmichi isa ilaalatu kan biraa sababii tajaajilli kuni ittiin adda cite ifatti dubbachuuf kan barbaade hin jiru.

Hanga ammaattis adda cituu tajaajilichaaf sababni bal'inaan eeramaa jiru qormaata biyyaaleessaatti.

Gama biraatiinis tajaajilamtoonni intarneetii haala adda addaatiin dhiibbaan irra ga'usaa dubbatu.

Magaalaa Adaamaatti abbaa intarneetii kaaffee kan ta'e Phaawulos akka BBC'tti himeetti, tajaajila intarneeti GB 50 maamlitootasaaf kennuuf ji'atti birrii kuma 32 teeleef kaffala.

Akka Phaawulos jedhutti, kaffaltiin kunis intarneetiin jiraatuus,adda cituus hin hir'atuu jedha.

Kanaafuu,addaan cituu tajaajila intarneetiin walqabatee maamila dhabuusaanii fi galiin isaaniirrattis dhiibbaa qabaachu dubbataniiru.

Akkasumas,dhiyeessiin ibsaa ciccituun amma fooyya'utti tajaajillisaani hin fooyya'uu jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata